Mee jiruu tee xiinxallii laali. Fayyaa guutuu qabda. alaa manni kee guutuudha. Waan nyaattu dhabdee beelaan hin dararamtu. Hanga humna itti qabduun waan feetu filattee nyaatta. Qulqullina qaamaafii naannoo keetii ni eeggatta. Lafas qottee midhaan facaafattee, yoo roobni roobee midhaan siif biqile ni gammadda. Miidhaan kanas haamtee gurgurattee waan feetu ittiin godhatta. Tola Rabbiin guddaan sitti oole kana hunda quba hin qabdu.
Qulqullina qaamaafi naannoo keetii waan eeggattuuf, sababuma kana dhukkubsachuu dhabdee fayyaa guutuun jiraatta of seeta. Humna qabdutti fayyaadamtee waan oomishtee nyaattuuf, ifaajee tee qofaan jiruu qananii jiraachutti jirta of seeta. Yeroo ati haala Kanaan keessa seentee tola Rabbii keetii irraanfattu. Rabbiin guddaan dhukkubsa xiqqoo sitti darba. Yeroo kana muddamtee gara mana haakimaa fiiyda. Guyyaa takka ykn 2 yoo mana haakimaa bulte, yeroo kana qananii Rabbiin guddaan yeroo dheertuuf sitti oole yaadatta. Gaafa fayyitee kaatu gama ooyruu deemtee lafa qottee midhaan facaaftee biraa galta. Yeroo kana Rabbiin rooba sirraa ol qabatee midhaan kee sirraa balleessa.
Amma dubbiin xiqqoo sitti jajjabaachuu eegalti. Yeroo beelti dhuftetti akka durii filattee nyaachuu mitii, waanuma soorattuu argachuun yaaddoo sitti tahuu eegala. Haala kana keessatti eenyummaa kee kan dhugaa sirritti hubatta. Kan fayyaa guutuu naaf kennee, rizqii natti bal’isee gammachuun na jiraachisaa jiru Rabbii kiyya. Ani sababaa guututti jira malee, maddi rizqii tiyyaa harka isaa jirti. Fayyaan tiyya harka isaa jirti jettee dhugaa jirtu ofitti himta. Yeroo kana gabricha Rabbii kan dhugaa taatee isaaf galata galchuu eegalta. If tuulummaa ykn boona ofirraa dhiistee, Rabbii keetiif if gad qabdee jiraatta. Yeroo kana Rabbiin akka gaafa durii sanitti jiruu sitti bal’isa. Oomisha kee sii tolchee, fayyaa guutuu siif kennee gammachuun si jiraachisa. Yeroo muraasa booda ammas yoo ati if irraanfatte rakkoo sitti deebisee, gaafa ati if yaadatte bal’otti si deebisa.
Hojiin Rabbii kanaa ajaa’ibuma. Jiruun addunyaa tanaa haala Kanaan mi’ooyti. Dhukkubni jiraatu malee sadarkaa fayyaa hin beekan. Gabrummaan jiraattu malee sadarkaa bilisummaa hin beekan. Beelli jiraatu malee qananii quufaa hin argan. Gaddi jiraatu malee sadarkaa gammachuutis hin beekan. Rabbiin guddaan haala Kanaan jiruu addunyaa tanaa wal madaalchisee uume. Qalbiin xiinxallanii laalan malee dhugaa tana hin hubatan. Hoggayyuu warra tola Rabbii guddaa beekee, dhugaan isatti amanee, isaaf galata galchaa jiraatu nu haa godhu.
Ещё видео!