Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa naannicha keessatti dhimma manneen seeraan alaa diiguu waliin walqabatee miidiyaaf ibsa kenneera.
Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa kenannniin biyyi keenya mana sabaaf sablammoonni hedduun afaan, duudhaa, aadaa, eenyummaa fi amantaa garaa garaa qaban waldanda'uun keessa jiraachaa jiran yoo taatu, garaagarummaan kunis biyya keenyaaf madda jabinaa fi miidhaginaati malee madda rakkoo miti jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas walqixxummaa amantaaleetti kan amanu, kan kabajuufi beekkamtii kan kennudha.
Kanas, dhimmoota naannoofi biyyaa irratti dhaabbilee amantaa waliin hojjechuun, rakkoowwan dhaabbilee amantaa keessatti uumaman karaa nagaafi qajeelfama amantaa eegeen akka furaman tumsuun, dhaabbileen amantaa bakka itti waaqeffatan akka qabaataniif lafa karaa seeraa kennuun qabatamaan mirkaneessaa jira jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa biyyaafi naannoo keenyatti hojiiwwan nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuuf hojjetaman irrattis dhaabbilee amantaa waliin qindoomina gaariin hojjetaa jira jedhan akka Obbo Hayiluun
Ta’us finxaaleyyiin amantaa dahoo godhachuun keessaafi alaan qindaa'anii olola kijibaa fi fedhii siyaasaa giddugaleesffate oofaa jiraachuu eeraniiru.
Dhimmi ijaarsa seeraan alaa diiguu addatti Mazjiida irratti kan xiyyeeffatee fi Magaalaa Shaggar qofa keessatti hojiirra oolaa kan jiru osoo hin taanee magaalota naannichaa 600 ol ta'an keessatti karaa heeraa fi seera bu'uura godhateen akka ta'e himameera.
Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa odeeffannoo wayitaawaa argachuu yoo feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: [ Ссылка ]
Raadiyoo OBN [ Ссылка ]
Tiwiiterii: [ Ссылка ]
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- [ Ссылка ]
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- [ Ссылка ]
Teeleegraamii:[ Ссылка ]
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
Ещё видео!